شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

kitaaba xahaawiya`aa

 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA

XAHAAWIYA`AA

   
 

 

وَنَخَافُ عَلَيهِم

Sanumaan wajji , Rabbiin isaan qixaaxuu ni sodaanna.

وَلاَ نَقنِطَهُم

Haa tayuu Rabbiin isaanii hin araaramu jennee, rahmata Rabbirraa, garaa isaanii, hin murru.

وَالأَمْـــنَ

Azaaba Rabbii, ifirraa amanuun , nun tuquu yaadun.

وَاليَــأسُ

Ammallee,rahmata Rabbirraa garaa muratuun.

يَنقُلاَنِ عَن مِلَةِ الاِسلاَمِ

Karaa islaamarraa nama baafti.

وَسَبِيلَ الحَقِّ بَيْنَهُمَالأَهلِ القِبْلَةِ

Karaan haqaa , warra islaamatiif, karaa azaaba Rabbii ifirraa amanu'uutifii , karaa rahmata isarraa garaa muratu'uu jidduu jira , karaan haqaa rahmata Rabbii khajeelu'uufii ,odoo waan hamtullee dalaganii, azaaba isaa sodaatu', odoo waan gaari'illee dalaganii, haatayuu hoggaa fayyaa qaban, azaaba Rabbii akkaan sodaatanii, hoggaa fayyaa dhaban, akkaan rahmata Rabbii khajeelu'uutu gaari'i, takkaa barbaadama.

Nabi muhammad nageenyi isaanirratti haa jiraatuu akki je'e ;

( tokkoon keessan hoggaa du'aa ka'e isaa Rabbirraa waan gaarii khajeelu malee hin du'in

 ( لاَيَمُوتَنَّ اَحَدَكُم إِلاَّ وَهُوَ يُحْسِنُ الظَنِّ بِرَبِهِ)

Ammas Rabbiin hadiisa qudsiidhaa keessatti akka je'e ;(an waan gabrichi kiyya narraa eeggatun godhaaf, takkaa yaada inni narraa qabun kennaf, yoo Rabbiin waan gaarii naa godhaa yaade, waan gaariidhan godhaaf, yoo waan hamtuudha na godhaa yaade akkuma inni yaade

.(اَنَا عِندَ ظَنِ عَبْدِى بِي فَـلْيَظُنَّ بِي مَا شَاءَ)

tanaaf, Rabbii ifitti, sirrii toluun barbaadama.

وَلاَيَخرُجُ العَبْدُ مِنَ الإِيمَانِ إِلاَّ بِجُحُودِ مَا اَدخَلَهُ فِيهِ

Mu'minni tokko, islaamumma'arraa hin bayu, yoo waan islaamatti isa seensise, deebi'ee morome malee.

Wanni islaamatti nama seensisu ; shahaadaa lamaan qabatu', tokkummaa Rabbii yaadu'u , isuma qofa ibaadu'u,waan nabi muhammad dhufeen hunda dhugo'oomsu'u, duuba nama waan kanarraa deebi'e malee, namni biraa hin kafaru odoo dilii biraa dalagelle'ee.

وَالاِيمَانُ هُوَ الاِقرَارُ بِالِّلسَانِ

Iimaanni, wanni iimaana je'amu afaanin shahaadaa lamaan qabatu' (LAA ILLAAHA ILLALLAAHU  MUHGAMMADAN RASUULULLAAH) je'anii.

وَالتَصْدِيقُ بِالجِنَان

Ammas waan afaanin je'an san qalbi'iin dhugo'oomsu'u.

وَجَمِيعُ مَا صَحَ عَنْ رَسُولِ اللَّهِ مِن الشَرْعِ وَالبَيَانِ كُلِّهِ حَقٌ

Wanni shari'aa taye, ammallee wanni hadiisa taye, kan nabi muhammadirraa karaa fayya'aan , nuu dhufe hundinuu haqaa itti amanna.

وَالاِيمَانُ وَاحِدٌ

Iimaanni tokkicha, sun qalbi'iin dhugo'oomsani arrabaan je'uudhaa.

وَاَهْلُهُ فِي أَصلِهِ سَوَاء

Warri amane hundi, mataa iimaanaa keessatti wal qixa, waan Rabbiin je'u, waan rasuulli Rabbii je'u dhugo'oomsuu keessatti wal qixa, wal hin dabran.

وَالتَفَاضُلِ بَيْنَهُم بِالخَشْيَةِ وَالتُقَي

wanni wal caalaniin, Rabbi sodaatu'uuni.

وَمُخَالَفَةِ الهَوَى

Waan lubbuun jaalattu, kan shari'aadhan wal dhabu , dhiisu'uuni.

وَمُلاَزَمَة الأُولَي

Ammas shari'aa keessatti waan irra caalu dalaguu,if qabsiisu'uuni, walirra caalan.

Namni dalagaan isaa gaarin akkaan heddommaate isuma kan iimaanni isaa akkaan jabaate. nabi muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu akka je'e (namni, mu'minni, kan iimaanni isaa akkaan guutu'uu ,nama haalli isaa irra gaari'iiti ) (أَكْمَلُ المُؤْمِنِينَ إِيمَانًا أَحسَنُهُم خُلُقاً )  tanaaf jecha, islaama jechuun waan; yoo arrabaan je'anii , qalbi`iin yaadanii ,qaaman takkaa humnaan dalagan, akkaan guutamu ,je'an.

 

وَالمُؤمِنُونَ كُلَّهُم أَولِيَاءُ الرَّحمَن

Mu'minni hundi owliyaa Rabbiiti, gola isaati,ammallee walliyyii waliiti,Rabbiin waliyyii mu'minaati, akkuma shayxaanni waliyyii, takkaa gola, takkaa aanaa kuffaaraa taye.

Rabbiin aanaa  mu'minaa  tayuun, isaan jaalatu'  yookaa isaanii dirmatu', du'aa'ii isaanii irraa qeebalu'. nama isaan miidhetti duulu’.

Haa tayuu waliyyummaan guutun, wanni argamtuun, waan Rabbiin fardii godhe hunda dalaganii, waan sunnaa taye akkaan heddommeysu', Rabbi sodaatu'.

Tanaaf jecha nabi muhammad akki je'e; (Rabbiin akki je'u namni waliyyii kiyya xilaatumma'aaf qabate, dhugumaan naan lolu'uu gad baye, takkaa an isaan lolu'uuf muradhe.wanni gabrichi kiyya nattiin dhiyaatu kanin an jaaladhu, kan akka, waan an fardii isarratti godhe, dalagu'uu hin jiru, duuba gabrichi kiyya,yoo fardi'iin akka gaari'itti dhaabbatee ,eegasii waan sunnaa taye, heddommeeysuu itti fufe, an, isan jaaladha, gaafan isa jaaladhe,dhagayaa inni wahiin dhagayun ,isaaf taya .ammallee argaa inni wahiin argun ,isaaf taya.ammallee harka inni wahiin dhayun ,isaaf taya ,ammallee miila inni deemunan, isaaf taya, namni akkatti waliyyii kiyya taye kun, yoo waa na kadhate, waan inni na kadhate san,isaaf kennuun oolu ,yoo wahirraa natti maganfate, waan sanirra nagaya isa godhuun oolu') je’e:

قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَي اللَّهُ عَلَيهِ وَسَلَمَ ( إِنَّ اللَّهَ تَعَالَي قَالَ  مَن عَادَى لِى وَلِيًا فَقَد أَذَنْتُهُ بِالحَرْبِ وَمَا تَقَرَبَ إِلَيَّ عَبْدِى بِشَئٍ أَحَبَ إِلَيَّ مِمَّا إِفْتَرَضْتُهُ عَلَيْهِ وَلاَيَزَالُ عَبْدِى يَتَقَرَبُ إِلَيَّ بِالنَّوَافِل حَتَي أُحِبَّهُ فَإِذَا أَحْبَبْتَه كُنْتُ سَمْعَهُ الَّذِى يَسْمَعُ بِهِ وَبَصَرَهُ الَّذِى يُبْصِرُ بِهِ وَيَدِهِ التِي يَبْطِشُ بِهَا وَرِجْلَهُ التِي يَمْشِي بِهَا وَلَئِن سَأَلَنِي لأَعْطِيَنَّه،وَلَئِن إِستَعَاذَنِي لأُعِيذَنَّه)  .رواه البخــاري .

Warra Rabbi sodaatu,Rabbiin rakkoo hunda keessa baasa,bakka isaan hin beynerraa isaan razaqa adduunya'aafii aakhira'atti ,waan namni hanganaa, himuu hin dandeenyi,isaanii kenna ,gammachuu likkii hin qabne ,isaan gammachiisa, akka Rabbiin qur'aana keessatti  je'e:

 (أَلاَ إِنَّ أَوْلِيَاءَ اللَّهِ لاَخَوفٌ عَلَيْهِم وَلاَ هُمْ يَحْزَنُون، الَّذِينَ آمَنُوا وَكَانُو يَتَّقُون، لَهُم البُشْرَى فِي الحَيَاةِ الدُّنْيَا وَفِي الآخِرَة ).

Man'aan isaa awliyoonni Rabbii, sodaa hin qaban , ammallee rifannoota, takkaa iilada hin  qaban, owliyaa jechuun; warra dhuga'aan amanee ,Rabbii ifii akkaan sodaatu, isaan addunya'aafii aakhira'atti gammachuu likkii hin qabne gammadan, jechu’.

وَأَكرَمَهُمْ عِنْدَ اللَّهِ أَطْوَعَهُم وَأَتْبَعَهُم لِلْـقُـرآن

Namni mu'minarraa Rabbi biratti kabajaa qabu takkaa darajaa qabu, nama akkaan waan Rabbiin je'uun dhagayu,nama akkaan  qur'aana jala deemu,waliyyiin guutun waan qur'aanafii hadiisni itti yaame hunda,waan irraa dandayu ,dalagu'uun beekkama.

وَالإِيمَانُ هُوَالإِيمَانُ بِاللَّهِ

Iimaana jachuun waa jahatti amanu ; kan duraa Rabbitti amanu ,tokkummaa isaa dhugo'oomsu`,Rabbiin waan guutuu taye hundaan wassafamaa yaadu' ,ammallee Rabbiin waan ir'uu taye hundarraa qulqullu'uu yaadu’ .

 

وَمَلآئِكَتِهِ

Kan lammeysa'aa,malaayka'atti amanu`, isaan gabroota Rabbiitii beekhuu yookaa yaaduu.

وَكُـتُـبِهِ

Kan sadaffa'aa kitaabban Rabbii hundatti amanu'.  Rabbirraa dhufee dhugo'oomsu.

وَرُسُــلِهِ

Kan afraffa'aa, ergamoota Rabbii hundati amanu, namni dura dursoo, Rabbiin gabroottan isatti erge,nabi aadami, kan maayyii, isaanitti ergame, nabi muhammadi .nageenyi isaanirratti haa jiraatuu.

وَاليَوْمِ الآخِرِ

Kan shanaffa'aa,guyyaa qiyaama'atti amanu, guyyaan boruu ni dhufaa yaadu’ .

وَبِالقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ حِلْوَهُ وَمُرَّهُ مِنَ اللَّهِ تَعَالَي

Kan jahaffa'aa, qadaratti amanu,wanni argamu hundi, khayrii taatuu ,sharrii taatuu ,mi'ooytuu taatuu, hadhooytuu taatuu ,rabbumarraayi ,isumaatu odoo isiin hin argamin beekhee,muree dabarsee yaadu', hundinuu waan Rabbiin azalitti, odoo waa takkan uumin , katabee dabarsee , dhugo'oomsuu.

وَنَحْنُ نُؤْمِنُ بِذَلِكَ كُلِّهِ

Nuti waan dubbannee dabarsine hunda, ni dhugo'oomsina.

لاَ نُفَرِقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِن رُسُلِهِ

Ergamoota Rabbii hundatti amanna ,gari'itti amannee, gari'iidhatti kafarnee, addaan isaan hin babaafnu,hundinuu haqaan ,Rabbiin isaan erge ,hundi isaanii gabroottan Rabbiiti, ammallee hundi isaanii obboleeyyanii, karaan isaanii tokkoo yaanna.

 

وَأَهلُ الكَبَائِرِ مِن أُمَّةِ مُحَمَّدٍ فِي النَّارِ لاَيُخلَدُونَ إِذَا مَاتُوا مُوَحِدِين

Warri ummata nabi muhammadirraa , dilii gurguddoo akka zina'aa, hannaa, dalage, kanneen iimaanarratti du'an,isaan ibidda azaabaa ni seenanii, haa tayuu azaaba keessa, zalaalamii hin taa'anii, booddee keessaa bayu'uu jiraatan.

وَإِنْ لَمْ يَكُونُوا تَائِبِين

Odoo dilii sanirraa tawbatullee baatanii.

بَعدَ أَن لَقُوا اللَّهَ عَارِفِينَ (مُؤمِنِين)

Eega isaanii mu'minaa, Rabbii isaanii arganii, takkaayuu du'anii.

 

فَهُم فِي مَشِيئَتِهِ وَحُكْمِهِ

Jarri towhiidarratti,odoon towbatin du'e ,sun,fedhii Rabbii keessa jiran ,ammallee hukmii ,yookaa firdii isaa,jala jiran.

إِن شَاءَ غَفَرَ لَهُم وَعَفَا عَنْهُم بِفَضْلِهِ

Rabiin yoo fedhe tola ooleti, dhiifama isaani godhee, isaanif araarama.

َمَا ذَكَرَعَزَّ وَجَل فِي كِتَابِهِ (وَيَغْفِرُ مَا دُونَ ذَلِكَ لِمَن يَشَاءُ)

Akka Rabbiin qur'aana isaa keessatti dubbate, (Rabbiin nama dilii dalageef,dilii waan Rabbitti waa qindeessu'uu malee, ta biraa hunda ni araaramaaf, sanuu nama fedheef) je'ee.

وَإِن شَاءَ عَذَبَهُم فِي النَّارِ بِعَدْلِهِ

Warra dilii gurguddoo,Rabbitti waa qindeessu`uu hin tayin dalage,kanneen odoo hin towbatin du'an,Rabbiin yoo fedhe ibidda keessatti isaan qixaaxa, adlummaa isaatin, kan isaanitti roorrisuu hin je'amne ,waan isaan karaa azaabaa maraxataniif.

ثُمَّ يُخْرِجُهُم مِنْهَا بِرَحْمَتِهِ

Duuba eega hanga dilii isaanii gubatanii ,takkaa qixaaxamanii,Rabbiin sababaa rahmata isaatin,ibidda keessa isaan baasa.

وَشَفَاعَةُ الشَّافِعِينَ مِن أَهلِ طَاعَتِهِ

Ammallee sababaa warri Rabbiif tole ,iznii Rabbiitin,isaan shafa'uudhatiin ibidda keessaa isaan baasa.

ثُمَّ يَبْعَثُهُم اِلَى جَنَّتِهِ

Duuba eega ibidda keessaa isaan baasee , jannata isaati isaan  seensisa.

وَذَلِكَ بِأَنَّ اللَّهَ مَولَى أَهلَ مَعرِفَتِهِ

Wanni Rabbiin eega hanga dilii isaanii , isaan qixaaxee, jannata isaan seensisuuf , Rabbiin aanaa warra amaneetii.

وَلَم يَجْعَلُهُم فِي الدَّارَينِ كَأَهلِ نَكِرَتِهِ الَّذِينَ خَابُو مِن هِدَايَتِهِ وَلَم يَنَالُوا مِن وِلاَيَتِهِ

Rabbiin warra amane, addunya`aafii, aakhiraadhatti, akka warra isatti kafaree qajeello`orraa hoongayee isaan godhee, ibidda keessatti isaan dhiisee , kaafiraafii , mu`mina, wal hin qixxeessu. mu`minni sawaaba iimaana isaa , jannata seenee argatuu hin oolu akka Rabbiin (fa man yakgmal misqaala zharratin , khayran yarahuu ) je`ee (فَمَن يَعْمَل مِثْـقَالَ ذَرَةٍ خَيرًا يَرَه) Baallama seenetti,akkana jechuun namni khayrii odoo hanga mixii xixiqqollee dalage , sawaaba isi`ii , jannata keessatti, argatu`uu jiraata, jechu`u, tanaaf mu`minni , azaaba keessa zalaalamii hin teenye.

اللَّهُمَّ يَاوَلِيَّ الإِسْلاَمِ وَاَهْلِهِ ثَبِّتْنَا عَلَي الإِسْلاَمِ حَتَي نَلْقَاكَ بِهِ

Yaa Rabbi,yaa aanaa islaamaa,yaa aanaa warra amanee, diinaa islaamarratti ,nu jabeessi ,hanga nuu iimaana qabu,si agarrutti ,takkaa duunutti.

وَنَرَى الصَّلاَةَ خَلْفَ كُلَّ بَرٍ وَفَاجِرِ مِن أَهلِ القِبْلَةِ

Imaama haala toluufii,kan haala hin tolle ,nama islaamaa gaari'iifii ,badaa duuban ,salaatun ni gayaa yaanna . odoo dilii dalaguu isaa beynuu.

وَعَلَي مَن مَاتَ مِنْهُم

Nama islaamaa kan dili'irratti ,du'erratti ,salaata janaaza'aa ,salaatun ni gayaa yaanna, odoo isaa dilii dalagu du'elle'ee.

وَلاَ نُنَزِل أَحَدُ مِنْهُم جَنَّةً وَلاَ نَارًا

Nama islaamaa tokkollee ,quba itti laannee ,inni kun, warra janataati, takkaa warra azaabati, hin jennu. (Haa tayuu warra toleef jannata khajeella). ammoo anbiyoota, ammallee nama nabi muhammad nageenyi isarrati haa jiraatuu,inni warra jannataati je'ee nuu odeesse, ammallee nama  namni hundi, waan gaari'iin isa dubbatu ,jara kana hunda, jannataan ragaa isaanif ni baana, akkuma warri amane jimla'atti, takkaa guutu'utti warra jannataatii,warri kafare jimla'atti warra ibiddaatii yaannu, kan abalu abalu hin jenne.

وَلاَنَشْهَدُ عَلَيهِم بِكُفْرٍ وَلاَبِشِركٍ وَلاَ نِفَاقٍ

Orma islaamatiin ,kuffaara jennee ,takkaa mushrika jennee,takkaa munaafiqa jennee ragaa ittin baanu.

مَالَم يَظْهَر مِنْهُم شَئٌ مِن ذَلِكَ

Yoo wanni nama kafarsiisu ,takkaa mushrika nama godhu, takkaa munaafiqa nama godhu ,isaanirraa nuu mul'atte malee.

وَنَذَرُ سَرَائِرَهُم إِلَى اللَّهِ تَعَالَى

Ammoo sirrii isaanii , waan isaan gara`aa qaban , rabbumatti dhiifna.

Namni nama islaamaa kafarsiise, yaa kaafira ,takkaa abalu kaafira , je`ee . yoo akka inni je`u taye. dubbiin akkasi, ammoo yoo Rabbi biratti, akka inni je`u tayuu baate, kanuma je`een santu,kafara. waa takka beekhi ,namni ati yaa kaafira jettuun ,kaafira tayuu dhabuun ni mala . duuba yoo inni kaafira tayuu baate, ati kaafira tayuun kee, waan murame , waan shakkii hin qabne . waan nabi Muhammad nuu odeesse, tanaaf jecha, nama kafarsiisu`urraa fagaatun akkaan barbaadama. keessattuu mas`alaa ulamaan keessatti wal dhabaniif . tanaaf jecha yoo  namni kun kaafira moo, kaafiraa mitii keessa. yaanni dhibbi tokko jiraatee, dhibbarraa tokko  qoftiin inni muslima je`ee, sagaltamii sagal kaafira je`e, yaada tokkicha inni islaama je`u qabanna. Diin keenya tiyfatu`uuf. maalif islaamarraa nama baasun badii guddo`oo.

وَلاَ نَرَى السَّيْفَ عَلَى أَحَدٍ مِن أُمَّةِ مُحَمَّدٍ صَلَى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَم إِلاَّ مَن وَجَبَ عَلَيهِ القَتلُ

Nuti nama tokko, kan ummata nabi Muhammad isa ajjeesu`uuf , habalee itti baafatuun, ni gayaa hin yaannu, yoo nama isa ajjeesun wajabde taye malee,nama faa ajjeesee.

وَلاَ نَرَى الخُرُوجَ عَلَى أَئِمَتِنَا وَوُلاَةِ أُمُورِنَا

Imaamman keenya , warra dubbii teenya harkaa qabu,dubbii isaanii diduun ,isaanin loluun, ni gayaa hin yaannu.

وَإِن جَارُوا

Odoo dili'illee dalaganii takkaa roorroo dalaganille`ee.

وَلاَ نَدْعُو عَلَيْهِم

Yaa Rabbi balleessi jennee hin abaarru.

وَلاَ نَنْزِعُ يَدًا مِن طَاعَتِهِم

Dubbii isaanii dhagayuu dinnee,harka keenya, isaan dhagayu'urraa hin fuunu.

وَنَرَى طَاعَتِهِم مِن طَاعَةِ اللَّهِ فَرِيضَة

Imaammotii teenya dhagayuun waajiba, takkaa dirqama, isaan dhagayuun, dubbii Rabbii ol tayee, dhagayu'urraayi, jechaa yaanna.

مَا لَم يَأْمُرُوا بِمَعْصِيَةٍ

Waan imaammotiin, dili'itti nama hin ajajiniin, ammoo yoo Rabbitti balleessu'utti nama ajajan,dubbii isaanii dhagayuun hin jiru.

وَنَدعُو لَهُم بِالصَلاَحِ وَالمُعَافَاة

Matooti'iif Rabbi isaan haa qajeelchu ,dubbii isaanii haa tolchu,dhukkuba ummata miidhu'urraa isaan haa fayyisu, jennee du'aa'ii isaanif ni goona. Rabbi isaanii ni khadhanna. ammoo nama,nama gabroonfatu ifirraa kaasun waajiba,sun munkara deemsisuu je'amaa..

 

وَنَتبَع السُنَّةِ وَالجَمَاعَة

Karaa sunna'aatiffii, jamaa'aadhati deemna .karaa nabi muhammad deeme deemna, amallee karaa jamaa'an islaamaa deemte, karaa ashaabaa nabi muhammad, karaa warra qajeello'oon isaan jala deemeti deemna, isaan jalaa hin mayn'u.

وَنَجْتَنِبُ الشُذُوذَ وَالخِلاَفَ وَالفُرقَة

Jamaa'aadharraa kopaa bayuu, jamaa'aadhan wal diduu , irraa fagaanna, isaan jala deemun haqa isaan jalaa maquun jallina.

 

وَنُحِبَ أَهلَ العَدْلِ وَالاَمَانَة

Warra haqaa, kan qixxummaadhaa, ammallee warra amaanaa tiysu,ni jaalanna, wajji dhaabbanna.

وَنَبْغَضُ أَهلَ الجُورِ وَالخِيَانَة

Warra nama miidhu, takkaa namatti roorrisu, kan nama cunqursu, ammallee warra nama ganu, ni jibbina, irraa fagaanna, irraa dhoowwina.

وَنَقُولُ اللَّهُ أَعلَمُ فِيمَا اِشْتَبَهَ عَلَيْنَا عِلمَه

Waan hin beynerraa yoo gaafatamne , kan nutti wal fakkaate , Rabbiitu beekha jenneeti , beekkomsa waan sanii, Rabbitti irkifna , mala keenyan , waan hin beyne hin dubbannu.

Tanaaf jecha yoo mala keenyan qur`aana fassarre, takkaa hadiisa nabii , akka malee odeessine,takkaa waan hin beyne keessatti , waan hin beynen ,fatwaa , takkaa hukmii goone , badi`itti seenne.

 

وَنَرَى المَسْحَ عَلَى الخُفَينِ فِى السَفَرِ وَالحَضَرِ كَمَا جَاءَ فِى الأَثَر

Bishaanin khuffii lamaan gubbaa haquun ni jiraa yaanna, hoggaa biyya keessa jiraniifii, hoggaa imaltuu jiranillee ,akka hadiisatti nabi Muhammadirraa nuu dhufe, namni biyya jiru halkan tokkoofii, guyyaa tokko haqa, ammoo namni imaltuu jiru halkan sadiyiifii guyyaa sadii haqa.

 

وَالحَجُّ وَالجِهَادُ مَاضِيَانِ مَعَ أُولِى الأَمرِ مِنَ المُسْلِمِينَ بَرُّهُم وَفَاجِرَهُم اِلَى قِيَامِ السَّاعَةِ

Matoota islaamatiin wajji, hajji`iifii ,jihaada godhuun.

Matoota gaggaarii tayanuu, hahhamoo tayanuu, hin cinnee, hanga guyyaa qiyaama`atti deema.

لاَيُبْطِلَهُمَا شَئٌ وَلاَ يُنْقِصَهُمَا

Waa takka wanni hajji`iifii, jihaada balleessu takkaa hukmii isaan lamaanii diigee, irraa nama dhoowwu, hin jiru.

وَنُؤمِنُ بِالكِرَامِ الكَاتِبِينَ

Malaaykan, gaggaarin, waa katabdu , ni jirtii , ni dhugo`oomsina.

فَإِنَّ اللَّهَ قَد جَعَلَهُم عَلَينَا حَافِظِين

Rabbiin malaaykaa san, warra dalagaa teenya eegee katabu godhe, kan waan nuti dubbannu, takkaa dalaynu, hunda kataban, kheyrii taatuu,sharrii taatuu,waa takkan dhiisanii.

Warri dalaga`aafii , dubbii namaa katabu , lama:

Tokko raqiib je`ama, tokko atiid je`ama, isaan lamaan , hoggaa namichi sagaraa seenu , takkaa gad  taa`ufii, hoggaa inni jaartii tsatti ida`amu malee, isaan addan bayan.

Isaan lamaanirraa tokko mirga taa`a. tokko bitaa taa`a, inni kheyrii katabu dafeeti kataba ammoo kan sharrii katabu , kan kheyrii katabu, gaafatu malee hin katabu. Duuba yoo namichi dafee tawbatuu baate, katabi je`aanii, ni kataba.

Ammas malaaykaa halkanii guyyaa nama eydutu jira. tan garaa haadhaa keessatti, ammallee hoggaa taa`u, hoggaa deemu,hoggaa rafu,hoggaa dalaguu, duraa duuban, waan isa miidhu hundarraa isa eeydutu jira.

وَنُؤمِنُ بِمَلَكَ المَوتِ المُوَكَلِ بِقَبْضِ أَروَاحَ العَالَمِينَ

Ammas malaaykaa du`aa,kan ruuhii waan Rabbiin uumee, fuudhu`utti wakkalametti ni amanna, ni jiraa yaanna, malaaykichi lubbuu namaa fuudhu sun, izraa`iil je`ama inni cifraa hedduu qaba. inni ruuhii fuudheti malaaykaa rahmataa , takkaa azaabatti kenne.

وَبِعَذَابِ القَبرِ لِمَن كَانَ لَهُ أَهل

Ammas azaabni qabri'ii ni jiraa amanna, nama haqa godhatuuf. nabi muhammed azaaba qabri'irraa maganfatuu ture, wanni isaan je'an ;tokkoon keessan, salaata keessatti ,eega tashhuda boodaa qara`ii,odoo hin salaamanne, waa afurirraa haa maganfatuu je'an,afran; azaaba jahannama ,azaaba qabri'ii ,fitnaa adduunya'aa fii aakhira'aa fitnaa masiihiddajjaali. ammas akki je'an: qabriin masnoo jannataati, takkaa boola ibiddaati.

وَسُؤَالِ مُنكَرٍ وَنَكِيرٍ فِى قَبْرِهِ عَن رَبِّهِ وَدِينِهِ وَنَبِيِّهِ

Malaaykota lamaan nakiirifii munkar, je'aman, kanneen nama du'e qabrii keessatti ,dhufanii Rabbii isarraa, diinaa isarraa, nabiyyi isarraa, gaafatn, itti amannaa, ni dhugo'oomsina.

Namni qaanii gaye takkaa saalfate yoo du'ee, awwaalame ,ruuhin itti deebiti, duuba malaaykonni lama,isa gaafatan. wanni je'aniin; Rabbiin kee eenyu? duuba mu'minni akki je'uun; Rabbiin kiyyaafii keetilleen tokkicha waa hunda uume kan allaah je'amu.

Ammas nabbiyyiin kee eenyu je'anii? duuba mu'minni wanni je'uun, nabiin kiyya muhammad ergamaa Rabbiiti.

Ammas diinan kee maali? je'aniin ,duuba mu'minni wanni je'uun;diinan kiyya diinaa islaamati.

Ammas imaamni kee eenyu? je'aniin, duuba wanni je'uun; imaamni kiyya qur'aana.

Ammas qiblaan kee maali je'aniin? Wanni je'uun qiblaan kiyya ka'baadha.

Ammas obboleenyan kee eenyu je'aniin? Wanni je'uun; obboleeyyan kiyya warra islaamaa mara.

Duuba hoggaa mu'minni ,gaafii isaanitiif deebisaa guutuu kenne, lallabni sami'ii dhufee akki je'u; afaa jannataa isaa afa'aa, hulaa gara jannatatti isaa banaa,duuba akkasitti afaniifii qabriin isaa hanga laalcha ijaa, isaaf bal'ifamtee, eegasii namni fuulli isaa bareedu,kan huccuun bareeddu,kan foolin isaa urgooytu, itti dhufee gammachiisa, hoggaa san ati eenyu je'ee gaafata, duuba an dalagaa tee gaarii ati addunya'arratti dabarsite je'aan akkasitti qanani'a hanga guyyaa qiyaama'atti.

Ammoo kaafirri hoggaa akkasitti gaafatame haa haa hin beekhu je'a duuba wanni je'an afaa ibiddaa afa'aafii, ibidda azaabatti hulaa isaa banaa. duuba eegasii qabriin itti rakkattee, namni hamaan tokko itti dhufee, rifachiisee, an dalagaa tee hamtuudhaa bari, je'aanii, akkasatti toomaa sibiilatiin dhawanii hanga guyyaa qiyaama'atti azaaba keessa taa'a.

عَلَي مَا جَأَت بِهِ الأَخبَارُ عَن رَسُولِ اللَّهِ صَلَي اللَّهُ عَلَيهِ وَسَلَم وَعَنِ الصَحَابَةِ رِضْوَانُ اللَّهِ عَلَيهِم

Azaabni qabri'iitiifii,gaafiin munkariifii nakiir, waan nabi muhammadiifii, asaabaa isarraa nu gaye,Rabbiin nabi muhammadiifii asaabaa isarrattillee rahmataafii nagaya haa buusuu ,isaanirralle'ee haa jaalatuu.

وَالقَبْرُ رَوضَةٌ مِن رِيَاضِ الجَنَّةِ أَوحُفْرَةٌ مِن حُفَرِ النَّار

Qabriin masnoo jannataati, takkaa boolla ibiddaati, ka tolee jannata kaanii azaaba.

وَنُؤمِنُ بِالبَعثِ وَجَزَاءَ الأَعمَالِ يَومَ القِيَامَة

Nuti Rabbiin, guyyaa qiyaama`aa, qabri`ii nama kaasee, galata dalagaadhaa namaa galchuu, ni dhugo`oomsina, inni waan qur`aanni, ammallee hadiisni, ammallee aqliin itti nu yaamtu . si silaa, Rabbiin nama waan hin jirrerraa uume, deebi’ee foonifii lafee isarraa, uumuu ni dadhabaa? hin dadhabu, maalif waan jiru kan dhabame deebisu`uutu, waan takkaa hin argamin uumu`uurra laafa. nu biratti. ammoo Rabbi biratti akkuma tokkichaa.

Si Rabbiin nama bishaanirraa uumee, eegasii foon godhee, eegasii gurraafii, ija, isaa uumee, qaama isaa guute, akkamitti lammada uumuu dadhaba? Rabbiin warra qabrii keessa jiru nan kaasa je`ee nuu odeessee jira, (وَأَنَّ اللَّهَ يَبعَثُ مَن فِى القُبُورِ)  je`ee.

Rabbiin kan nama qabri`ii kaasee, nama addunya`arratti waan gaarii dalageefii, kan waan hamtuu dalage, addan baafne dhiisun waan hikmaan isaa dalayduu?.

Rabbiin nama gaarii dalageef, jennata kennee, kan hamtuu dalage azaaba seensisuun, waan inni odeessee, argamuun ooltu.

وَالعَرضُ وَالحِسَاب

Guyya qiyaama`aa, khalqiin hundi, Rabbirra fidamanii, gaafatamuu ni dhugo’oomsina, itti amanna.

وَقِرَاءَةُ الكِتَاب

Ammas kitaaba dalagaan namaa hundi keessatti katabamte, guyyaa qiyaama`aa, namuu kitaba ifii fudhatee qara`uu, ni dhugo`oomsina. itti amanna. kitaabni sun barareeti dhufaa ,mu`minni harka mirgaatin fudhata. ammoo kaafirri harka bitaadhatiin fudhata.

وَالثَوَابِ وَالعِقَاب

Waan gaarii addunya`arratti ,dalaganirratti,sawaaba,takkaa galata argatanii,waan hamtuu dalaganirratti, qixaaxa mudatuu,itti amanna.

وَالصِرَاطِ

Ammallee siraax, ni jiraa amanna, (siraax) jechuun: dildila ibidda jahannamirra dhaaban.kan eega dirree qiyaama`arraa adda yaa`anii,odoo jannata hin seene,itti dhufan. kan dukkana keessa jiru, kan qal`inni isaa akka rifeensaa, kan qarri isaa, akka haadu`uu siraax kana, namni irra hin dabarre, hin jiru. mu`minni hundi gaafas ifaa qaba, haa nuura takkaa ifaa keessatti wal dhadhabanii malee. ammas namni irraa dabru waldhadhaba. Maalif ? isaanirraa nama akka hangaasu`utti irra dabruutu jira. ammoo gariin isaanii hanga liphii ijatti, ammoo gariin miilani,gariin gara`aani. Duuba kuffaarri irra dabruu hin dandayuu ibiddatti harca`an ,dukkana keessa. kan mu`mina ifaan,bita`aafii,mirga isaa deemu.

وَالمِيزَانِ

Ammallee dalagaan namaa guyyaa qiyaama`aa ni miizaanamtii dhugo`oomsina. Sharri`iifii khayrii, wal maddii khaayanii .duuba namni khayriin isaa sharrii isaa caalte, jannata keessatti jiruu gaarii jiraata. Ammoo namni miizaanni isaa, kan kheyri`ii haffallate, haati isaa ibidda shidame.

Waan guyyaa boruu miizaana namaa ulfeessurraa:

بِسْمِ اللَّهِ الرَّحمَنِ الرَّحِيمِ

(Bismillaahirrahgmaaniirrahgiim)

ammallee:

 (سُبحَانَ اللَّهِ وَبِحَمْدِهِ سُبْحَانَ اللَّهِ العَظِيم)

(Subhgaanallahi wabi hgamdihii subhgaanallaahilkgazgiim).

 (لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ مُحَمَّدٌ رَسُولُ اللَّهِ)

(Laa ilaaha illallaahu Muhammadurrasuulullaahi).

وَالجَنَّةُ وَالنَّار مَخلُوقَتَانِ

Jannataafii, azaabni ,waan Rabbiin uumee , qopheysee , dabarse.

وَلاَ تَفْنَيَانِ أَبَداً وَلاَ تَبِيدَانِ

Jannataafii ibiddi, hin moofayan. Ammallee hin dhabaman. hin dhuman.

Warri jannata seene hin du’u, hin dulloomu. warri Rabbitti kafare, azaaba zalaalamiidhati haqa godhata, isaan azaaba san keessatti hin du`an irraayis hin bayan. Laalan ibiddaa isaanirraa hin laaftu foon isaanii hoggaa gubate mara ni mayra.

فَإِنَّ اللَّه تَعَالَى خَلَقَ الجَنَّةَ وَالنَّارَ قَبلَ الخَلْقِ

Rabbiin jannataafii, ibidda azaabaa ,odoo khalqii hin uumin, isaan lamaanuu.

وَخَلَقَ لَهُمَا أَهْلاً

Warra isaan lamaan haqa godhatu uumef.

 

فَمَن شَاءَ مِنْهُم إِلَى الجَنَّةِ فَضْلاً مِنهُ

Duuba Rabbiin nama fedhe, khalqiidharra nama uumerraa,tola ooletiifi, karaa jannataa qajeelcha.

وَمَن شَاءَ مِنْهُم اِلَى النَّارِ عَدلاً مِنهُ

Ammoo nama fedhe isaanirraa,karaa ibiddaati qajeelcha.waan isaan karaa badaa maraxataniif filataniif.

وَكُلٌّ يَعمَلُ لِمَا قَد فُرِغَ لَهُ

Namuu waan isaaf qophaaye dalaga. Takkaa hojjata.

وَسَائِرٌ اِلَى مَا خُلِقَ لَهُ

Ammallee gara waan isaaf jecha uumameeti deema.

وَالخَيْرِ وَالشَرِّ مُقَدَرَانِ عَلَى العِبَادِ

Khayri`iifii, sharriin, khalqi`irratti muramtee jirti. waan Rabbiin firdii godhee, dabarse, odoo khalqii hin uumin, waan Rabbiin hakame.Namni dura dhaabbatu, hin jiru wanni inni hakame, waan akka malee hin taane, khayri`ii sharrii,rabbumaatu adda beekha malee nuu miti. maalif wanni nuti kheyrii jennee eeynu, tan booda sharrii taatu meeqaatami. ammas wanni nuti sharrii jennee laallu tan booda kheyrii taatu meeqaatami. tanaaf jecha wahayyuu rabbumatti dhiisu’u.

وَالإِسْتِطَاعَةُ التِى يَجِب بُداً الفِعلُ مِن نَحْو التَوفِيقِ الَّذِى لاَ يَجُوزُ أَن يَوصِفَهُ المَخلُوقُ بِهِ

Dandeytin, sababaa isi`iitin dalagaan wahii namarratti wajabduun,tan akka Rabbiin waan dalagan san, dandayuu nama gaxxamsiisu`uu kan  khalqiin hin qabne, kan Rabbi malee, waan deemaniif kan nama gaxxamsiisuu dandayu, hin jirre.

وَتَكُونُ مَعَ الفِعْلِ

Dandeytin waa nama qunnamsiisu`uu sun , dalagaadhan wajji taati. odoo Rabbiin nama qunnamsiisuun, takkaa towfiiqni Rabbii, dalaga`aan wajji jiraatuu baatee, silaa dalagaan hin argamtu towfiiqafii, dalagaan wajji deemti, yoo towfiiqni hin jiraatin, dalagaan hin jirtu jechu.

وَاَمَا الإِستِطَاعَةِ مِن جِهَةِ الصِحَةِ وَالوُسْعِ وَالتَمَكُنِ وَسَلاَمَةِ الآلاَتِ

Ammoo dandeytin akka fayyaa qabaatu`uu, mijjeyfatu`uu, humniti fayyaa qabaatu`uu.

فَهِىَ قَبْلُ الفِعْلِ وَبِهَا يَتَعَلَقُ الخِطَابِ

Dalagaa dura taati dandeytin dendeytii akkanaa tana odoo qabaatuu baatanii, waa takkalleen namarratti hin wajjabdu waa namarratti wajabuun isi`itti rarraati.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com